Prodigits |
! You are not logged in to Prodigits. Please register or login.
ibsaayusuf
Jecha Beektootaa

JECHOOTA DINQISIISOO
@@@@@@@@@@@@@
1, Qabeenyi qabeenya caalu beekumsa
sammuuti.
*******
2, Namni gaafa dhalate du'e.Gaafni inni jiraate
gaafa seenaa hojjate!!
*******
3, Nama jaalattu iddoo fedhe akka deemu
hayyamiif.Yoo kee ta'e deebi'ee dhufa. Yoo kee
hin taane ni hafa.
********
4, Hamaan hamadaaya,qabatan nama guba.
******
5, Hangafti tooftaa jireenyaa wal danda'uudha.
******
6, Nama hamaa duuti lama.
*****
7, Osoo daawwitiin of ilaaluun nama kafalchiisa
ta'ee dubartootni meeqa kafalan ture?
******
8, Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa
wayya.Hiriyyaan gadheen si fakkaatee si nyaata
*******
9, Umriin nuti qabnu jeequmsaafi miti jaalalaafu
nu hin geessu.
********
10, Nama jaallatte yoo dhabde hin Gaddin.Waan waaqayyo sirraa qabeef hin beektu.
******
11. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa
hin beekkamneedha.
******
12, Mukni badaan hin daraaru.
*****
GORSA DHAMA QABU!!!
==========%%%%======
1,Qorumsi kan sitti baayy'atuuf; Dadhabina kee
mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate
mul'isa.
***********
2, Namni maalif akka du'u hin beeyne.Maalif akka
jiraatus hin beeku.
************
3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin
eegalin.
************
4, Nama Gammachiisuf jattee gammachuu kee hin dhabin.
************
5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi,Nama
yaada xiqqaa irraa f*gaadhu.
************
6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu
jaalatu;Sababni yeroo mara waan isaan
dhaggeeffatu itti fakkaata.!!!
************
7, Beekaa ta'uun humna siif kenna.Amala gaarii
qabaachuun kabaja siif kenna.
*************
8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa
ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata.
*************
9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni
kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu.
*************
10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu
barbaaddu hawwuun gowwummaadha.
**************
11, Moo'ataa kan si taasisu.Baay'ina
deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti
amanamummaa ati qabduudha.
*************



DUBBII GAMNAA
~~~~~~~~
1, Jaarsi waa sadi jaalata
A, Adii jaalata
B, Aduu jaalata
C, Oduu jaalata

2, Isin haa Lagu.
A, Ja'ameef ja'uu.
B, Nyaapha gargaaruu
C, Fira dararuu!!

3, Waa Sadi Kadhatan Argatan.
A, Rooba kadhatan argatan
B, Fayyaa kadhatan argatan
C, Jannata kadhatan argatan

4, Isinirraa Haa Qabu.
A, Garaa quufee afaan hamatu
B, Kan olii gadi kaatu
C, Kan garaa jabaatu.

5, Waa Sadi Jaaladhu.
A, Aadaan kee eenyummaa keeti
B, Afaan kee mallattoo keeti
C, Sabni kee dhiiga keeti jaaladhu.

6, Isin Haa Baraaru.
A, Dureessa quufee bacaaruqe
B, Isa kaanii kaan qaaqe
C, Ka Rabbi galmee irraa haqe!

7, Oromoon Waa Sadi (3) Jaalata.
A, Adii jaalata = Aannan
B, Aduu jaalata
C, Oduu jaalata

8, Isin Hin Mudin
A, Hamii bakkarra tarte
B, Dureessa hiyyeessa dararu
C, Quufa keessa taruu!!

9; Waa sadi irraa waa sadi eegan.Booda isumaan
eegan
A, Waraabessa harree irraa eegan.Booda isumaan
eegan
B, Dargaggeessa dubararraa eegan.Booda
isumaan eegan
C, Ilmoo qabeenya irraa eegan.Booda isumaan
eegan.

10, Isinirraa Haa Qabu.
A, Kan safuu hin beekne
B, Kan ofiifuu hin taane!!
C, Kan namaan Waliif hin galle!!

Kan Odeeffannerraa
Kutaan 64 ffaan itti fufa.
WARRA BORUU NU HAA GODHU.
FOLLOW, LIKE, COMENTI, SHARE
@@@@@@@@@@@@@@@@@





JECHA HAYYOOTAA
==============
1, Namoonni hedduun gaafa isaan barbaachiftu
malee gaafa si barbaachisan liphii isaani hin
gartu.

2, Of duuba deebitee jalqaba kee jijjiiruu hin
dandeessu.Asirraa eegaltee dhuma kee jijjiiruu
dandeessa malee.

3, Nama tuffattee nama tahuu nan dandaha jettee
hin yaadin.Iccitiin nama tahuu nama kabajuu
keessa jirti.

4, Namni qalbii qabu rakkina fuuldurasaa jiru osoo
hin taane mul'ata keessa isaa jiru ilaalee
tarkaanfata.

5, Namni hedduun gaafa sirritti si hubachuu
dadhabe; Karaa dogoggoraa itti si hubateen si
madaala.

6, Osoo nutuu nama waliin jiraachuun nun
rakkkisin;Namni ammoo nama waliin jiraachuuf
rakkate. jatte sareen.

7, Adunyaa dharti itti mootomte keessatti dhugaa
qabattee jiraachuu hin sodaatin. Sobdoonni
waraananii malee mooyatanii hin beekan.
@@@@@@
8, Ofitti amanamummaa jechuun namootarra
anaatu fooyyedha ja'anii yaaduu osoo hin
taane;Osoo ofii kee namoota biraatin wal hin
dorgomsiifne waanuma qabduun gammadaa
tahuudha.

9, Kennuu barachuun waan sirraa hafeef osoo hin
taane waan dhaba barteefi.

10, Akkuma ka dubbate hundi dhugaa hin qabne;
ka cal'ise hundi abbaa badii akka hin taane
hubachuu qabda.


Waan Dubbistaniif Fayyaa Tahaa.
Kutaan 62ffaan itti fufa.


JECHA HAYYOOTAA
============
1, Namni hanga fedhe yoo cubbuu sitti yaade
balbala mana isaa malee balbala waaqaa sitti
cufuu hin dandahu.
@@@@
2, Teessoon dhagaa fi duuti haadhaa oolee bulee
nama quuqa.

3, Namni si jaallatu qoree waliin si ba'ata.

4, Beekaa tahuuf barachuun qofti sirraa hin
eeggamu.Uumaan si badhaasuu baatu hanga
feete barattus gatii hin qabdu.

5, Jaalala jechuun kan jaallatan argachuu qofaa
miti.Akka hin arganne osoo beekaniitis
jaallachuudha.

6, Nama taatee uumamuu keet*ti gammadaa
taatullee; Daba ilmi namaa hojjatu gaafa argitu
nama tahuu keet jibbita.

7, Uumaa kee qofa hin mufachiisin malee ilmi
namaa gaafa ba'attullee maalif miilli kiyya rarra'e
ja'ee uumama si jibbuudha.

8, Namoota hedduu kan dhibe gaafa gammachuu
waliin jiraatuu osoo hin taane; Gaafa gidiraafi
rakkoo michuu cinaa dhaabbatee waliin
qooddachuudha.

9, Namni dhiifama kan si gaafatu waan balleessef
osoo hin taane cubbuu keetirra jaalalti kee waan
caaltuufi.

10, Namoonni qarshii fi miidhaginatti amanan
fedhii malee beekumsa hin qaban.


DUBBII GAMNAA
~~~~~~~~~~
1, Wanni dhabnu hundi dogoggora keenya
qofaanii miti waanuma keenya hin tahiniifi.
%%%%%
2, Kufaatiin kee gaafni eegalu gaafa hin dandayu
jattee of amansiiste qofa.
@@@@@
3, Dhiifamni kan darbe sirreessuu baatullee kan
boruu sirreessuu ni dandaya.

4, Nama duratti kan koflu hundi gammadaa waan
taheefi miti.Yoo booyes rakkoofi dhukkubbii isaa
nama hubatuuf jiraachuu dhaburraayi.

5, Osoo sareen dubbachuu toltee namoota
amanamummaa dhabaniif barsiisaa dansaa taati
ture.

6, Dhaggeeffachuun gurra banuu osoo hin taane
qalbii banuuni.Nama dhaggeeffachuu hin
dandeenye waliin mariyachuun gaara dhiibuu
caalaa ulfaachuu dandaya taha.

7, Namni ka sitti hin hinaafne gaafa rakkatte
qofa.

8, Kan dabarsite seenaa kee yoo tahu,kan amma
keessa jirtu jireenya keeti kanaaf seenaa kee
dhiisii jireenya kee jiraadhu.

9, Namni yaada xiqqoo qabu gammachuu ofii
qofaaf hamilee namoota biroo guyyuu miidhaa
jiraata.

10, Hanguma yeroo yoo tahe malee akkuma kan
ol bahe gad bu'uu hin oolle;Kan gad bu'es ol
bahuun hin oolu.

Kan Dubbifnerraa...
Kutaan 60 ffaan itti fufa...



JECHA BEEKTOTAA
=============
1, Bagan Kufe,Bagan ka'e,Kan ableen natti
fiiges,Kan hordaan natti fiiges bagan arge. ja'e
dullachii sangaa.
@@@@
2, Dhiphinni ka rakkoo boruu hin furre har'a kee
balleessa.
*******
3, Namoonni gaariin yeroo kamiyyuu dhukkubii
mataa namoota hamooti.

4, Yeroo kamittuu taanan gullantaa itti aanutti
darbuuf gatii si baasisu baastee rakkina keessa
darbuudha.

5, Hoggansummaan Sammuudha malee guddina
qaamatiini miti.

6, Yeroo faarfamtu osoo hin taane yeroo gatamtu
ilaalchi adunyaa jijjiiru si keessa dhufa.

7, Sammuun ilaalcha sirrii qabu; Kufaatif sababa
hin tuulu.

8, Jechii namaa akka ibiddaa si gubuu
dandaha.Ati garuu bishaan fayyadamtee
dhaamsuuf of qopheessuu qabda.Cal'isni kee
qofti akka ibiddaa isaan gubuu dandaya.

9, Namoonni adunyaa kanatti dhukkubbii ilkaanii
tahan; Namoota dhugaa dhoksanii soba jala
burraaqani.

10, Kaayyoon ofii yeroof gowwaa nama
fakkeessuu malti taha.

Kan Dubbifnerraa...
Kutaan 59ffaan itti fufa...
HORAA BULAA




lammii koo qeerransa koo.
Dhageessaa geerarsa koo
Handaqii roobaa taanee
Hundumtuu nu uffatee.
Gad-deebii namaa taanee
Hundumtuu nu tuffatee.
Waancaa kee bulbulleettii
Guutuu manaa godhanii
Qalloo kee sabboont*tii
Duutuu namaa godhanii
Duutuu miti qalloon kee
Qalloon keessa migiraa
Diina kee garaa gubuuf
Lubbuu horadheen jiraa..!!!!!!!

JECHA HAYYOOTAA
==========
1, Iddoon yeroo dulloomtu teessu; iddoo yeroo
dargaggummaa kee turte agarsiisa.

2, Durbi tokko yoo kophee caalaa kitaaba
qabaatte; Isheen qaalidhaa hin dhiisin!!!

3, Tokkichi Dhugaaf jilbiinfate kumaatama sobaaf
dhaabbate caala.

4, Namoota harkasaanii sitti diriirsan hunda
gaarummaaf hin se'in; Kuun kiyyotti si harkisuuf
si qabataa jira.

5, Gamnatti ni Fuulchan; Gowwatti himan.

6, Biyya duuti hin jirren dhaqatti; biyya du'an
nama hin awwaalle dhaquunis jirti.!!!

7, Alattuun si jibbaa gaararraan mana kiyya
dhufte ja'e.

8, Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin
fuutu.

9, Hojii waaqayyoofi kolfi saree hin beekkamu!

10, Alagatti Garaa.Tiitisatti Madaa Hin
Agarsiisan.

KUTAAN 57 ffaan itti fufa.


DUBBII DHAMA QABDU.
=========&&&&======
1, Bu'aa bahiin jireenya nama dhandhamsiisa.
Injifachuun hiika jireenyaa nama hubachiisa.
******
2, Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni
waanuma nyaatu fakkaata.
******
3, Namni hundi qabaachuu kan barbaadu maqaa
gaariidha.
*******
4, Barrisuu kan dandeessu; hanga barrisuu
dandeessu yoo amante qofa.
*******
5, Tulluu dheeratti ol bahan malee lafa diriiraa hin
argan.
*******
6, Maalummaa ofii cimsanii beekuun gaarummaa
loogii hin qabneedha.
********
7, Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu
si ga'aa.
*********
8, Waan darbe yaaduun; kufaatiif daandii
barbaadudha.
*********
9, Beekaa kan si taasisu dubbisuu qofa osoo hin
taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
*********
10, Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifatani
malee; jaarraa mufachuun injifatanii miti.
********
11, Of booda hin ilaalin! Boriikee namni siif ilaalu
hin jiru:
*********
Kan Dubbifnerraa...!!
Kutaan 38 ffaan itti fufa.....!!!!
FAYYAAN FAAYA.


JECHA HAYYOOTAA.
@@@@@@@@@@@
1, Addunyaan sammuu kee fi jecha ati ofii keef
qabdu keessa jirti.
*******
2, Walitti dhufeenya nama waliin qabdu caalatti
cimsuuf cimaa,jabaa fi namaan waliigalaa ta'i.
*******
3, Wanti kaleessa hojjatte waan guddaa
ta'ee yoo sitti mul'ate; har'a waan san caalu hin
dalayne jechuudha.
*******
4, Dirree injifatamtetti lubbuun jiraachuu caalaa;
dirree injifatte keessatti duutee awwaalamuu
wayya.
********
5, Abjuu kee dhugoomfachuuf hin carraayxu
taanan; abjuu nama biraa dhugoomsuuf
qacaramaa taata.
*********
6. Yeroo hunda ofirratti amanamummaa guddaa
qabaadhu.
********
7, Sammuu gaarii qabdu lafa onaa hin
taasisiin; Misoomsii waan gaariif oolchi.
********
8. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun
milkaa'ina keetiin Kanneen biroo jiraachuudha.
*********
9, Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru
qabaachuun rakkisaadha.
********
10, Namni kan milkaa'uu dhabu; waan waa of
harkaa dhabeefi miti.Waan of harkaa qabu itti
fayyadamuu dhabuuni.
********
Kan Dubbifnerraa
Kutaan 39 ffaan itti fufa..!!!
HORAA BULAA




DHUGAA
=========
Dhugaan essa dhaqe
Barbaadetin dhabe
Maal ta'ee dhokate?
Du'ee moo gaggabe?
Sobni tuttuulame.
Halaalaa mul'ata
Baabura yaabbatee
Qilleensarra kaa'ata
Dhugaan hoo maal ta'e?
Maalumaaf dhokata?
Maal rakkate dhugaan?
Waan ta'en wallaale
Qaatan itti iyya
Ol qabee sagalee!
Yommuu sobni sirbee
Utaalee dhiichisu
Dhugaan maaf callisa
Xiqqollee hin shokossuu?
Yommuu sobni moo'ee
Addunyaa marfatu
Dhugaan hoo maalumaaf
Achi hin tarkaanfatu?
Biyyi boo'ee iyyee
Yommuu dhugaa waamu
Owwaachuu baatullee
Maalif hin gumgumuu?
Dhugaa eessa jirta?
Teessoo kee natti himi
Yookiin natti koottu
Yookani na waami
Ba'achuu dadhabeera
Ani golba sobaa
Hanguma yoomitti
Sobee of sossoba?
Maaloo na qaqqabi
Amma hoo naaf gamte
Sobaa fi sossobduun
Matarra na deemte
Abdiidhaan si eega.
Dhugaa Bara dheeraa
Kana caala hin obsu
Obsa fixadheera
Si ga'e as ba'i
Goda jirtu keessaa
Otoo ati dhuftee sobnilleen
Si dheessa.
Maaliif tutturte ree
Daftee as hinbaatuu?
Sobni keeyri hin qabne
Nurraa haa baqatu
Anuu barbaacha kee
Milli na qallate
Sagal si mil'adhaa
Iijji na jallatte
Meerre ati hin dhufne
Ammas f*goo jirta
Maalumaaf hinfiigne
Maaliif suuta deemta?
Kutaan 40 ffaan itti fufa..!!!
HORAA BULAA




GORSA HAYYOOTAA
===============
1,Namoonni muraasni hiriyyaa keetii
miti.Waanuma diina kee ta'uu sodaataniif si
wajjiin jiraatu.
*******
2, Meeshaan diina kee jalaa ittiin miliquuf
qabdu.Ilaalcha diina kee sanaaf qabduuni
******
3, Ati namaaf jattee waan baay'ee dhiista.
Garuu,Namni sun waan tokkoof jedhee si dhiisa.
******
4, Dhuguma yoo of jijjiiruuf hawwita tahe dursa
sammuu kee jijjiiruuf hayyamamaa tahi!!!
******
5, Ofitti amanamummaan furtuu carraa
jireenyaati.
*******
6, Haala rakkisaa har'aa fi boru jiru ilaaltee abdii
hin kutatin;Iftaan milkaa'ina guddaatu jira waan
ta'eef.
********
7, Namni Karoora hin qabne kufaatii karoorsa.
********
8, Garaa keef Jattee maqaa keetin hin taphatin.
********
9, Tuffatamuu keetiif sababni,Namummaa kee
osoo hin taane ilaalcha keeti.
*********
10, Dhugaa dubbatteef wanti ati dhabdu
hiriyyoota sobaa siin marsanii jiran qofa.
*********
11, Namni kamiyyuu ilaalcha hiyyoomaa ba'atee
Dureessa hin tahu.
*********
Kan Dubbifnerraa
Kutaan 42 ffaan itti fufa..!!!
FAYYAAN FAAYA.






GORSA DHAMA QABU!!!
==========%%%%======
1,Qorumsi kan sitti baayy'atuuf; Dadhabina kee
mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate
mul'isa.
***********
2, Namni maalif akka du'u hin beeyne.Maalif akka
jiraatus hin beeku.
************
3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin
eegalin.
************
4, Nama Gammachiisuf jattee gammachuu kee hin
dhabin.
************
5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi,Nama
yaada xiqqaa irraa f*gaadhu.
************
6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu
jaalatu;Sababni yeroo mara waan isaan
dhaggeeffatu itti fakkaata.!!!
************
7, Beekaa ta'uun humna siif kenna.Amala gaarii
qabaachuun kabaja siif kenna.
*************
8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa
ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata.
*************
9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni
kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu.
*************
10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu
barbaaddu hawwuun gowwummaadha.
**************
11, Moo'ataa kan si taasisu.Baay'ina
deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti
amanamummaa ati qabduudha.
*************
Kan Iyyaafannerraa
Kutaan 43 ffaan itti fufa..!!!




GORSA MAANGUDDOO
=====%%%=======
1, Isin haa baraaru
A, Kan afaan hammaatu
B, Kan mataa jabaatu
C, Hamiin kan nama nyaatu
****
2; Keessummaa waa sadiin bulchan
A, Erbee rifeensa hin qabne.
B, Lafee foon hin qabne.
C, Foon lafee hin qabne.
***
3, Waa sadi isinirraa haa qabu.
A, Qoree dhoqqee keessaa
B, Bofa marga keessaa
C, Summii nyaata keessaa
****
4; Waa sadi waa sadi hin gau
A, Namni mana hin qabne sin birroo hin gau
B, Namni of hin beekne reee hin gau
C, Namni haaloo hin beekne saree hin gau
***
5; Haati warraa sadi
A, Takka daamuudha
B, Takka kanniisa
C, Takka sonsa
***
6, Tiisisni waa sadi fakkaata
A, Bifaan kanniisa fakkaata
B, Waa balfuu dhabuun waraabessa fakkaata
C, Iddoo arge qubachuun kashlabbee fakkaata
***
7, Waa sadi sitti hin fakkaatin.
A, Bokokni quufa
B, Abaarsi eebba
C, Daaraan daakuu sitti hin fakkaatin.
***
8, Nama sadi jattee hin timaamin.
A, Nama kolfu hunda gammadaa,
B, Nama dureessa hunda arjaa,
C, Nama dhabaa hunda qorqodaa.
***
9, Waa sadi hubattu malee hin seenin.
A, Dubbii keessa hinbeeyne,
B, Bishaan gad f*geenya isaa hinbeeyne,
C, Imala daandii isaa hin beeyne.
*****
10, Isin haa Lagu.
A, Maraataa dhagaa ba'atu
B, Dureessa hiyyeessa hatu
C, Kan nyaatee hin quufne
******
Kan Odeefannerraa
Kutaan 47 ffaan itti fufa..!!!

DUBBII GAMNAA
=========%%%======
1,Kan nama nyaatu Dukkana osoo hin taane;
Waan dukkana keessa jiru.
******
2, Wanti calaqqisu hundi warqii sitti hin fakkaatin.
******
3,Kan nama qaanyessu ba'aa guddaa
Sammurratti ba'atuu miti.Sammuu hin yaanne
ba'achuudha.
*******
4,Nama si sobu wajjiin gamaddee kolfuu irra;
Nama dhugaa sitti dubbatu wajjiin gadduutu
caala.
*******
5,Moo'uu jechuun tokkoffaa ba'uu qofaa
miti.Jijjiiramas argamsiisudha.
*******
6,Nama kabajuun mallattoo sodaa osoo hin taane
bilchinaa fi dandeettii f*geessanii yaaduti.
*******
7,Barachuu jechuun barumsa qofa keessa
darbuu osoo hin taane; Barumsis nama keessa
darbuudha.
*******
8,Barumsa barattee yoo qoramtu.Jireenya immoo
qoramtee baratta.
*******
9,Malaan Bishaan waaddan.
*******
10,Obsi guddaan dhagaa yoo Affeelu; Aarii
xiqqoon bishaan bobeessiti.
*******
11,Dhaloota rakkoo faarfatuu miti.Dhaloota
rakkoo furatu tahuu qabda.
********
12,Wal beekurra; Walii beekuu wayya.
*******
13,Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin
baasu.
*******
14,Jiraachuuf nyaadhu malee; Nyaachuuf hin
jiraatin.
*******
Kan Odeeffannerraa!!!
Kutaan 49 ffaan itti fufa...!!!

DUBBII BEEKTOTAA
============
1, Barumsi Waanuma baratame barachuu osoo
hin taane sammuun akka yaaduuf leenjisuudha.(A
lbert E.)
******
2, Sodaatamuu osoo hin taaane kabajamuu
jaalladhu.(Jack man)
******
3, Gaafa Duuba kee garagaltee ilaaltu hammam
akka deemtee dhufte hubatta.
******
4, Barsiisaan kee borii, Dogoggora kee duriiti.
******
5, Guyyooti murteessoon jireenya keetii guyyaa itti
dhalattee fi maalif akka dhalatte guyyaa itti
barteedha. (Mark Twain)
******
6, Nama ta'uu malee nama fakkaachuun
salphaadha.
******
7, Nama baay'eet si beeka ta'a; garuu kan si
hubatu muraasa.
******
8, Waan har'a namootni gochuu hin barbaanne
gochuun bor waan isaan gochuu hin dandeenye si
taasisa.
******
9, Gammachuun kee waan ilaaluuf filatte irratti
hundaa'a.
******
10, Yeroo kamiyyuu haala keessa jirtu jijjiiruu
akka dandeessu yaadadhu.
******
Kan Dubbifnerraa!!!
Kutaan 50 ffaan itti fufa....
HORAA BULAA




DUBBII GAMNAA

=====&&&=======
1, Barumsa barattee qoramta. jireenya immoo
qoramtee baratta.
******
2, Nama kabajuun mallattoo sodaa miti. Bilchinaa
fi dandeettii f*geessanii yaaduti.
******
3, Beeyladni akka namaattii yaadu jiraatuu
baatus; namni akka beeyladatti yaadu hin
dhabamu.
******
4, Rakkina si mudate keessa teessee
gadduu osoo hin taane; Akka rakkoo sana
keessaa itti baatu yaaduu qabda.
******
5, Osoo dhugaan bakkaa hin qabatin; dharti
adunyaa naannoofti.
******
6, Nama shakkitu hin mindeessin yoo mindeessite
hin shakkin.
******
7, Waggatti jiruu dabali malee jirutti waggaa hin
dabalin.
******
8, Barachuu jechuun barumsa qofa keessaa
Darbuu osoo hin taane Barumsi nama keessa
darbuu dha.
******
9, Maal naan jedhan? Jettee otuu hin
ta'in,Maalin jadheen? Jedhiitii dhiphadhu.
******
10, Ilaalcha hiyyoomaa ba'attee Dureessa tahuun
hin dandayamu.
******
11, Gara Deemtu hin beeytu taanan karaan
hunduu si geessa.
******
Ka Dubbifnerraa
Kutaan 51 ffaan itti fufa.
HORAA BULAA






DUBBII GAMNAA
=====****======
1, Yeroo hunda Taphataa tahi malee taphachiisaa
hin tahin.Sababni Taphataan injifannoof yoo
fiigu,Taphachiisan garuu dogongora argachuuf
fiiga.

2, Kan kuftu gaafa kanneen biroo kuffisuuf
fiiydudha.

3, Dogoggora seenaa dabree teessee hin
yaadin.Kan darbe irraa barattee jireenya fuula
duraa sirreessuu malee Dogoggora darbe
sirreessuun hin dandayamu.

4, Namni osoo du'uttiif jirtullee si ajjeesa.

5, Namni gaafa rakkate Mana, Uffataa fi Kalee
isaa gurguruu dandaya.Garuu,gaafa sammuu isaa
gurgure dhugummaan rakkate taha.

6, Namni daddeebisee dhiifama si gaafatu nama
waa'ee keetiif dhiphatu ykn si dhabuu hin
dandeenyedha.

7, Dorgomaa kee ofii kee fi kaleessa kee qofa
godhadhu.

8, Yoo ati dubbbattes tahe cal'iftes namni siin
jechuu hin dhiisu.Kanaaf ati callisii daandii kee itti
fufi.

9, Yeroo hundumaa abdadhu malee gonkumaa hin
tilmaamin.

10, Kan Jaallattu eegutti,Kan si jaalatu of bira hin
dabarsin!!!

11, Yeroo hunda ana qofaatu sirriidha jattee
yaadda taanan jireenya irraa homaa hin barattu.



DUBBII GAMNAA
============
1, Hin Hawwin.
~~~
A, Oduu oliif gadi oofuu!I
B, Jattee jatteen maraachuu.
C, Cubbuun duroomuu!
D, Dubbii waliin sakaalu
E, Faayidaa malee utaaluu!
F, Araada badaan qabamuu!

2, Rabbiin Isin hin mudin.
A, Bahanii karatti hafuu!
B, Sobaan of afuufuu
C, Argatanii dhabuu!
D, Yakka malee hidhamuu!
E, Jaalatanii dhabuu!
F, Firaan dararamuu!
G, Beekanii wallaaluu!

3, Waa sadi sitti hin fakkaatin.
****
A, Dubbachuun beekumsa
B, Obsuun wallaalummaa
C, Nama kabajuun sodaa sitti hin fakkaatin.
****
4, Isin haa Lagu.
A, kaayyoo malee jiraachuu!
B, Eenyummaa ofii dagachuu!
C, Ofirra nama biraa abdachuu!
D, Daba namaratti hojjachuu!!
~~~~~~
5, Waa sadi sitti hin fakkaatin.
A, Nama beektu hunda fira kee
B, kan siin lolu hunda diina kee
C, Badiirraa kan si dhoorku hammeenya.

6, Hiriyyaan gantuun waa sadi
A, Qoree bishaan keessati
B, Bofa marga keessati
C, Summii midhaan keessati.

7, Isinirraa haa qabu.
A, Haqa namaa dabsuu!
B, Hangafa ofii arrabsuu!!
C, Ofiin of salphisuu
D, Arrabaan dhadhaa baqsuu!
~~~~
8, Nu haa Baraaru!!!
A, Barataa barsiisaa arrabsuu
B, Wallaalaa hayyuu gorsu!
C, Buqqee dhagaa cabsu!
D, Haadha ilmoo hamattu!
E, Sobaan dhugaa awwaaluu!!

9, Waa sadi hin Hawwin.
A, Bokokni quufaa miti
B, Abaarsi eebbaa miti
C, Summiin qorichaa miti hin hawwin.

10,Waan lubbuu qabaatu, Lubbuu dhaba:-
A;. Seenaan lubbuu qabdi, yoo gowwatti himan
lubbuu dhabdi.
B; Gudeedni kormaa lubbuu qaba; masheenattiin
gorraan lubbuu dhaba.
C. Qabeenyi lubbuu qaba, Doynatti gorraan
lubbuu dhaba.

Kan Odeeffadherraa
Kutaan 54 ffaan Itti fufa.
WARRA BORUU NU HAA GODHU.




DUBBII GAMNAA
==========
1, Gaafa nama gorsitu akka inni Doctora, Inginera,
Profesara ta'u gorsuun dura akka inni nama ta'u
gorsi.Erga nama ta'ee booda waan hunda ta'uun
salphaadha.

2, Nama Ayyaanni ergare Ayyaantuutu ergata.

3, Cal'isni nama ati miitee yoo xiqqaate akka si
adabaa jiru beeki.

4, Ati hin teenye. Sitti hin hafne, ana humaa natti
hin baane jette sanyoon.

5, Ol'aantummaa keessa oftuulummaatu jira.
Oftuulummaa keessa kufaatitu jira of eeggadhu.
******
6, Yoo kufan waan caban nama seeti.

7, Yeroo hunda namaaf gaarii yaadi.Jallina
keessaa bu'aa argattu hin qabdu.

8, Gaafa karaa tokko siif guutu karaa biraa akka
sitti hir'atu beeki.Hir'uun namaa daangaa hin
qabu waan ta'eef.
******
9, Hanga nama jaallattu beekta malee hanga
namni si jaallatu hin beektu.Kanaaf nama
jaalladhu malee hin amanin.
******
10, Bareedina gurraachaatiif dubbii gamnaa nama
bira gaetu hubata.

KUTAAN 56 ffaan itti fufa.
FAYYAAN FAAYA.



0 COMMENTS 2 VIEWS 0 FAVOURITES

* ibsaayusuf's Blog

UK TOP40 Ringtones

Download PRODIGITS Android APP