ibsaayusuf | ||
Jecha Ibsaa JECHOOTA DINQISIISOO @@@@@@@@@@@@@ 1, Qabeenyi qabeenya caalu beekumsa sammuuti. ******* 2, Namni gaafa dhalate du'e.Gaafni inni jiraate gaafa seenaa hojjate!! ******* 3, Nama jaalattu iddoo fedhe akka deemu hayyamiif.Yoo kee ta'e deebi'ee dhufa. Yoo kee hin taane ni hafa. ******** 4, Hamaan hamadaaya,qabatan nama guba. ****** 5, Hangafti tooftaa jireenyaa wal danda'uudha. ****** 6, Nama hamaa duuti lama. ***** 7, Osoo daawwitiin of ilaaluun nama kafalchiisa ta'ee dubartootni meeqa kafalan ture? ****** 8, Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya.Hiriyyaan gadheen si fakkaatee si nyaata ******* 9, Umriin nuti qabnu jeequmsaafi miti jaalalaafu nu hin geessu. ******** 10, Nama jaallatte yoo dhabde hin Gaddin.Waan waaqayyo sirraa qabeef hin beektu. ****** 11. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin beekkamneedha. ****** 12, Mukni badaan hin daraaru. ***** GORSA DHAMA QABU!!! ==========%%%%====== 1,Qorumsi kan sitti baayy'atuuf; Dadhabina kee mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate mul'isa. *********** 2, Namni maalif akka du'u hin beeyne.Maalif akka jiraatus hin beeku. ************ 3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin eegalin. ************ 4, Nama Gammachiisuf jattee gammachuu kee hin dhabin. ************ 5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi,Nama yaada xiqqaa irraa f*gaadhu. ************ 6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu jaalatu;Sababni yeroo mara waan isaan dhaggeeffatu itti fakkaata.!!! ************ 7, Beekaa ta'uun humna siif kenna.Amala gaarii qabaachuun kabaja siif kenna. ************* 8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata. ************* 9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu. ************* 10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu barbaaddu hawwuun gowwummaadha. ************** 11, Moo'ataa kan si taasisu.Baay'ina deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti amanamummaa ati qabduudha. ************* DUBBII GAMNAA ~~~~~~~~ 1, Jaarsi waa sadi jaalata A, Adii jaalata B, Aduu jaalata C, Oduu jaalata 2, Isin haa Lagu. A, Ja'ameef ja'uu. B, Nyaapha gargaaruu C, Fira dararuu!! 3, Waa Sadi Kadhatan Argatan. A, Rooba kadhatan argatan B, Fayyaa kadhatan argatan C, Jannata kadhatan argatan 4, Isinirraa Haa Qabu. A, Garaa quufee afaan hamatu B, Kan olii gadi kaatu C, Kan garaa jabaatu. 5, Waa Sadi Jaaladhu. A, Aadaan kee eenyummaa keeti B, Afaan kee mallattoo keeti C, Sabni kee dhiiga keeti jaaladhu. 6, Isin Haa Baraaru. A, Dureessa quufee bacaaruqe B, Isa kaanii kaan qaaqe C, Ka Rabbi galmee irraa haqe! 7, Oromoon Waa Sadi (3) Jaalata. A, Adii jaalata = Aannan B, Aduu jaalata C, Oduu jaalata 8, Isin Hin Mudin A, Hamii bakkarra tarte B, Dureessa hiyyeessa dararu C, Quufa keessa taruu!! 9; Waa sadi irraa waa sadi eegan.Booda isumaan eegan A, Waraabessa harree irraa eegan.Booda isumaan eegan B, Dargaggeessa dubararraa eegan.Booda isumaan eegan C, Ilmoo qabeenya irraa eegan.Booda isumaan eegan. 10, Isinirraa Haa Qabu. A, Kan safuu hin beekne B, Kan ofiifuu hin taane!! C, Kan namaan Waliif hin galle!! Kan Odeeffannerraa Kutaan 64 ffaan itti fufa. WARRA BORUU NU HAA GODHU. FOLLOW, LIKE, COMENTI, SHARE @@@@@@@@@@@@@@@@@ JECHA HAYYOOTAA ============== 1, Namoonni hedduun gaafa isaan barbaachiftu malee gaafa si barbaachisan liphii isaani hin gartu. 2, Of duuba deebitee jalqaba kee jijjiiruu hin dandeessu.Asirraa eegaltee dhuma kee jijjiiruu dandeessa malee. 3, Nama tuffattee nama tahuu nan dandaha jettee hin yaadin.Iccitiin nama tahuu nama kabajuu keessa jirti. 4, Namni qalbii qabu rakkina fuuldurasaa jiru osoo hin taane mul'ata keessa isaa jiru ilaalee tarkaanfata. 5, Namni hedduun gaafa sirritti si hubachuu dadhabe; Karaa dogoggoraa itti si hubateen si madaala. 6, Osoo nutuu nama waliin jiraachuun nun rakkkisin;Namni ammoo nama waliin jiraachuuf rakkate. jatte sareen. 7, Adunyaa dharti itti mootomte keessatti dhugaa qabattee jiraachuu hin sodaatin. Sobdoonni waraananii malee mooyatanii hin beekan. @@@@@@ 8, Ofitti amanamummaa jechuun namootarra anaatu fooyyedha ja'anii yaaduu osoo hin taane;Osoo ofii kee namoota biraatin wal hin dorgomsiifne waanuma qabduun gammadaa tahuudha. 9, Kennuu barachuun waan sirraa hafeef osoo hin taane waan dhaba barteefi. 10, Akkuma ka dubbate hundi dhugaa hin qabne; ka cal'ise hundi abbaa badii akka hin taane hubachuu qabda. Waan Dubbistaniif Fayyaa Tahaa. Kutaan 62ffaan itti fufa. JECHA HAYYOOTAA ============ 1, Namni hanga fedhe yoo cubbuu sitti yaade balbala mana isaa malee balbala waaqaa sitti cufuu hin dandahu. @@@@ 2, Teessoon dhagaa fi duuti haadhaa oolee bulee nama quuqa. 3, Namni si jaallatu qoree waliin si ba'ata. 4, Beekaa tahuuf barachuun qofti sirraa hin eeggamu.Uumaan si badhaasuu baatu hanga feete barattus gatii hin qabdu. 5, Jaalala jechuun kan jaallatan argachuu qofaa miti.Akka hin arganne osoo beekaniitis jaallachuudha. 6, Nama taatee uumamuu keet*ti gammadaa taatullee; Daba ilmi namaa hojjatu gaafa argitu nama tahuu keet jibbita. 7, Uumaa kee qofa hin mufachiisin malee ilmi namaa gaafa ba'attullee maalif miilli kiyya rarra'e ja'ee uumama si jibbuudha. 8, Namoota hedduu kan dhibe gaafa gammachuu waliin jiraatuu osoo hin taane; Gaafa gidiraafi rakkoo michuu cinaa dhaabbatee waliin qooddachuudha. 9, Namni dhiifama kan si gaafatu waan balleessef osoo hin taane cubbuu keetirra jaalalti kee waan caaltuufi. 10, Namoonni qarshii fi miidhaginatti amanan fedhii malee beekumsa hin qaban. DUBBII GAMNAA ~~~~~~~~~~ 1, Wanni dhabnu hundi dogoggora keenya qofaanii miti waanuma keenya hin tahiniifi. %%%%% 2, Kufaatiin kee gaafni eegalu gaafa hin dandayu jattee of amansiiste qofa. @@@@@ 3, Dhiifamni kan darbe sirreessuu baatullee kan boruu sirreessuu ni dandaya. 4, Nama duratti kan koflu hundi gammadaa waan taheefi miti.Yoo booyes rakkoofi dhukkubbii isaa nama hubatuuf jiraachuu dhaburraayi. 5, Osoo sareen dubbachuu toltee namoota amanamummaa dhabaniif barsiisaa dansaa taati ture. 6, Dhaggeeffachuun gurra banuu osoo hin taane qalbii banuuni.Nama dhaggeeffachuu hin dandeenye waliin mariyachuun gaara dhiibuu caalaa ulfaachuu dandaya taha. 7, Namni ka sitti hin hinaafne gaafa rakkatte qofa. 8, Kan dabarsite seenaa kee yoo tahu,kan amma keessa jirtu jireenya keeti kanaaf seenaa kee dhiisii jireenya kee jiraadhu. 9, Namni yaada xiqqoo qabu gammachuu ofii qofaaf hamilee namoota biroo guyyuu miidhaa jiraata. 10, Hanguma yeroo yoo tahe malee akkuma kan ol bahe gad bu'uu hin oolle;Kan gad bu'es ol bahuun hin oolu. Kan Dubbifnerraa... Kutaan 60 ffaan itti fufa... JECHA BEEKTOTAA ============= 1, Bagan Kufe,Bagan ka'e,Kan ableen natti fiiges,Kan hordaan natti fiiges bagan arge. ja'e dullachii sangaa. @@@@ 2, Dhiphinni ka rakkoo boruu hin furre har'a kee balleessa. ******* 3, Namoonni gaariin yeroo kamiyyuu dhukkubii mataa namoota hamooti. 4, Yeroo kamittuu taanan gullantaa itti aanutti darbuuf gatii si baasisu baastee rakkina keessa darbuudha. 5, Hoggansummaan Sammuudha malee guddina qaamatiini miti. 6, Yeroo faarfamtu osoo hin taane yeroo gatamtu ilaalchi adunyaa jijjiiru si keessa dhufa. 7, Sammuun ilaalcha sirrii qabu; Kufaatif sababa hin tuulu. 8, Jechii namaa akka ibiddaa si gubuu dandaha.Ati garuu bishaan fayyadamtee dhaamsuuf of qopheessuu qabda.Cal'isni kee qofti akka ibiddaa isaan gubuu dandaya. 9, Namoonni adunyaa kanatti dhukkubbii ilkaanii tahan; Namoota dhugaa dhoksanii soba jala burraaqani. 10, Kaayyoon ofii yeroof gowwaa nama fakkeessuu malti taha. Kan Dubbifnerraa... Kutaan 59ffaan itti fufa... HORAA BULAA lammii koo qeerransa koo. Dhageessaa geerarsa koo Handaqii roobaa taanee Hundumtuu nu uffatee. Gad-deebii namaa taanee Hundumtuu nu tuffatee. Waancaa kee bulbulleettii Guutuu manaa godhanii Qalloo kee sabboont*tii Duutuu namaa godhanii Duutuu miti qalloon kee Qalloon keessa migiraa Diina kee garaa gubuuf Lubbuu horadheen jiraa..!!!!!!! JECHA HAYYOOTAA ========== 1, Iddoon yeroo dulloomtu teessu; iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa. 2, Durbi tokko yoo kophee caalaa kitaaba qabaatte; Isheen qaalidhaa hin dhiisin!!! 3, Tokkichi Dhugaaf jilbiinfate kumaatama sobaaf dhaabbate caala. 4, Namoota harkasaanii sitti diriirsan hunda gaarummaaf hin se'in; Kuun kiyyotti si harkisuuf si qabataa jira. 5, Gamnatti ni Fuulchan; Gowwatti himan. 6, Biyya duuti hin jirren dhaqatti; biyya du'an nama hin awwaalle dhaquunis jirti.!!! 7, Alattuun si jibbaa gaararraan mana kiyya dhufte ja'e. 8, Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu. 9, Hojii waaqayyoofi kolfi saree hin beekkamu! 10, Alagatti Garaa.Tiitisatti Madaa Hin Agarsiisan. KUTAAN 57 ffaan itti fufa. DUBBII DHAMA QABDU. =========&&&&====== 1, Bu'aa bahiin jireenya nama dhandhamsiisa. Injifachuun hiika jireenyaa nama hubachiisa. ****** 2, Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata. ****** 3, Namni hundi qabaachuu kan barbaadu maqaa gaariidha. ******* 4, Barrisuu kan dandeessu; hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofa. ******* 5, Tulluu dheeratti ol bahan malee lafa diriiraa hin argan. ******* 6, Maalummaa ofii cimsanii beekuun gaarummaa loogii hin qabneedha. ******** 7, Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa. ********* 8, Waan darbe yaaduun; kufaatiif daandii barbaadudha. ********* 9, Beekaa kan si taasisu dubbisuu qofa osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti. ********* 10, Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifatani malee; jaarraa mufachuun injifatanii miti. ******** 11, Of booda hin ilaalin! Boriikee namni siif ilaalu hin jiru: ********* Kan Dubbifnerraa...!! Kutaan 38 ffaan itti fufa.....!!!! FAYYAAN FAAYA. JECHA HAYYOOTAA. @@@@@@@@@@@ 1, Addunyaan sammuu kee fi jecha ati ofii keef qabdu keessa jirti. ******* 2, Walitti dhufeenya nama waliin qabdu caalatti cimsuuf cimaa,jabaa fi namaan waliigalaa ta'i. ******* 3, Wanti kaleessa hojjatte waan guddaa ta'ee yoo sitti mul'ate; har'a waan san caalu hin dalayne jechuudha. ******* 4, Dirree injifatamtetti lubbuun jiraachuu caalaa; dirree injifatte keessatti duutee awwaalamuu wayya. ******** 5, Abjuu kee dhugoomfachuuf hin carraayxu taanan; abjuu nama biraa dhugoomsuuf qacaramaa taata. ********* 6. Yeroo hunda ofirratti amanamummaa guddaa qabaadhu. ******** 7, Sammuu gaarii qabdu lafa onaa hin taasisiin; Misoomsii waan gaariif oolchi. ******** 8. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetiin Kanneen biroo jiraachuudha. ********* 9, Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha. ******** 10, Namni kan milkaa'uu dhabu; waan waa of harkaa dhabeefi miti.Waan of harkaa qabu itti fayyadamuu dhabuuni. ******** Kan Dubbifnerraa Kutaan 39 ffaan itti fufa..!!! HORAA BULAA DHUGAA ========= Dhugaan essa dhaqe Barbaadetin dhabe Maal ta'ee dhokate? Du'ee moo gaggabe? Sobni tuttuulame. Halaalaa mul'ata Baabura yaabbatee Qilleensarra kaa'ata Dhugaan hoo maal ta'e? Maalumaaf dhokata? Maal rakkate dhugaan? Waan ta'en wallaale Qaatan itti iyya Ol qabee sagalee! Yommuu sobni sirbee Utaalee dhiichisu Dhugaan maaf callisa Xiqqollee hin shokossuu? Yommuu sobni moo'ee Addunyaa marfatu Dhugaan hoo maalumaaf Achi hin tarkaanfatu? Biyyi boo'ee iyyee Yommuu dhugaa waamu Owwaachuu baatullee Maalif hin gumgumuu? Dhugaa eessa jirta? Teessoo kee natti himi Yookiin natti koottu Yookani na waami Ba'achuu dadhabeera Ani golba sobaa Hanguma yoomitti Sobee of sossoba? Maaloo na qaqqabi Amma hoo naaf gamte Sobaa fi sossobduun Matarra na deemte Abdiidhaan si eega. Dhugaa Bara dheeraa Kana caala hin obsu Obsa fixadheera Si ga'e as ba'i Goda jirtu keessaa Otoo ati dhuftee sobnilleen Si dheessa. Maaliif tutturte ree Daftee as hinbaatuu? Sobni keeyri hin qabne Nurraa haa baqatu Anuu barbaacha kee Milli na qallate Sagal si mil'adhaa Iijji na jallatte Meerre ati hin dhufne Ammas f*goo jirta Maalumaaf hinfiigne Maaliif suuta deemta? Kutaan 40 ffaan itti fufa..!!! HORAA BULAA GORSA HAYYOOTAA =============== 1,Namoonni muraasni hiriyyaa keetii miti.Waanuma diina kee ta'uu sodaataniif si wajjiin jiraatu. ******* 2, Meeshaan diina kee jalaa ittiin miliquuf qabdu.Ilaalcha diina kee sanaaf qabduuni ****** 3, Ati namaaf jattee waan baay'ee dhiista. Garuu,Namni sun waan tokkoof jedhee si dhiisa. ****** 4, Dhuguma yoo of jijjiiruuf hawwita tahe dursa sammuu kee jijjiiruuf hayyamamaa tahi!!! ****** 5, Ofitti amanamummaan furtuu carraa jireenyaati. ******* 6, Haala rakkisaa har'aa fi boru jiru ilaaltee abdii hin kutatin;Iftaan milkaa'ina guddaatu jira waan ta'eef. ******** 7, Namni Karoora hin qabne kufaatii karoorsa. ******** 8, Garaa keef Jattee maqaa keetin hin taphatin. ******** 9, Tuffatamuu keetiif sababni,Namummaa kee osoo hin taane ilaalcha keeti. ********* 10, Dhugaa dubbatteef wanti ati dhabdu hiriyyoota sobaa siin marsanii jiran qofa. ********* 11, Namni kamiyyuu ilaalcha hiyyoomaa ba'atee Dureessa hin tahu. ********* Kan Dubbifnerraa Kutaan 42 ffaan itti fufa..!!! FAYYAAN FAAYA. GORSA DHAMA QABU!!! ==========%%%%====== 1,Qorumsi kan sitti baayy'atuuf; Dadhabina kee mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate mul'isa. *********** 2, Namni maalif akka du'u hin beeyne.Maalif akka jiraatus hin beeku. ************ 3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin eegalin. ************ 4, Nama Gammachiisuf jattee gammachuu kee hin dhabin. ************ 5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi,Nama yaada xiqqaa irraa f*gaadhu. ************ 6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu jaalatu;Sababni yeroo mara waan isaan dhaggeeffatu itti fakkaata.!!! ************ 7, Beekaa ta'uun humna siif kenna.Amala gaarii qabaachuun kabaja siif kenna. ************* 8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata. ************* 9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu. ************* 10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu barbaaddu hawwuun gowwummaadha. ************** 11, Moo'ataa kan si taasisu.Baay'ina deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti amanamummaa ati qabduudha. ************* Kan Iyyaafannerraa Kutaan 43 ffaan itti fufa..!!! GORSA MAANGUDDOO =====%%%======= 1, Isin haa baraaru A, Kan afaan hammaatu B, Kan mataa jabaatu C, Hamiin kan nama nyaatu **** 2; Keessummaa waa sadiin bulchan A, Erbee rifeensa hin qabne. B, Lafee foon hin qabne. C, Foon lafee hin qabne. *** 3, Waa sadi isinirraa haa qabu. A, Qoree dhoqqee keessaa B, Bofa marga keessaa C, Summii nyaata keessaa **** 4; Waa sadi waa sadi hin gau A, Namni mana hin qabne sin birroo hin gau B, Namni of hin beekne reee hin gau C, Namni haaloo hin beekne saree hin gau *** 5; Haati warraa sadi A, Takka daamuudha B, Takka kanniisa C, Takka sonsa *** 6, Tiisisni waa sadi fakkaata A, Bifaan kanniisa fakkaata B, Waa balfuu dhabuun waraabessa fakkaata C, Iddoo arge qubachuun kashlabbee fakkaata *** 7, Waa sadi sitti hin fakkaatin. A, Bokokni quufa B, Abaarsi eebba C, Daaraan daakuu sitti hin fakkaatin. *** 8, Nama sadi jattee hin timaamin. A, Nama kolfu hunda gammadaa, B, Nama dureessa hunda arjaa, C, Nama dhabaa hunda qorqodaa. *** 9, Waa sadi hubattu malee hin seenin. A, Dubbii keessa hinbeeyne, B, Bishaan gad f*geenya isaa hinbeeyne, C, Imala daandii isaa hin beeyne. ***** 10, Isin haa Lagu. A, Maraataa dhagaa ba'atu B, Dureessa hiyyeessa hatu C, Kan nyaatee hin quufne ****** Kan Odeefannerraa Kutaan 47 ffaan itti fufa..!!! DUBBII GAMNAA =========%%%====== 1,Kan nama nyaatu Dukkana osoo hin taane; Waan dukkana keessa jiru. ****** 2, Wanti calaqqisu hundi warqii sitti hin fakkaatin. ****** 3,Kan nama qaanyessu ba'aa guddaa Sammurratti ba'atuu miti.Sammuu hin yaanne ba'achuudha. ******* 4,Nama si sobu wajjiin gamaddee kolfuu irra; Nama dhugaa sitti dubbatu wajjiin gadduutu caala. ******* 5,Moo'uu jechuun tokkoffaa ba'uu qofaa miti.Jijjiiramas argamsiisudha. ******* 6,Nama kabajuun mallattoo sodaa osoo hin taane bilchinaa fi dandeettii f*geessanii yaaduti. ******* 7,Barachuu jechuun barumsa qofa keessa darbuu osoo hin taane; Barumsis nama keessa darbuudha. ******* 8,Barumsa barattee yoo qoramtu.Jireenya immoo qoramtee baratta. ******* 9,Malaan Bishaan waaddan. ******* 10,Obsi guddaan dhagaa yoo Affeelu; Aarii xiqqoon bishaan bobeessiti. ******* 11,Dhaloota rakkoo faarfatuu miti.Dhaloota rakkoo furatu tahuu qabda. ******** 12,Wal beekurra; Walii beekuu wayya. ******* 13,Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu. ******* 14,Jiraachuuf nyaadhu malee; Nyaachuuf hin jiraatin. ******* Kan Odeeffannerraa!!! Kutaan 49 ffaan itti fufa...!!! DUBBII BEEKTOTAA ============ 1, Barumsi Waanuma baratame barachuu osoo hin taane sammuun akka yaaduuf leenjisuudha.(A lbert E.) ****** 2, Sodaatamuu osoo hin taaane kabajamuu jaalladhu.(Jack man) ****** 3, Gaafa Duuba kee garagaltee ilaaltu hammam akka deemtee dhufte hubatta. ****** 4, Barsiisaan kee borii, Dogoggora kee duriiti. ****** 5, Guyyooti murteessoon jireenya keetii guyyaa itti dhalattee fi maalif akka dhalatte guyyaa itti barteedha. (Mark Twain) ****** 6, Nama ta'uu malee nama fakkaachuun salphaadha. ****** 7, Nama baay'eet si beeka ta'a; garuu kan si hubatu muraasa. ****** 8, Waan har'a namootni gochuu hin barbaanne gochuun bor waan isaan gochuu hin dandeenye si taasisa. ****** 9, Gammachuun kee waan ilaaluuf filatte irratti hundaa'a. ****** 10, Yeroo kamiyyuu haala keessa jirtu jijjiiruu akka dandeessu yaadadhu. ****** Kan Dubbifnerraa!!! Kutaan 50 ffaan itti fufa.... HORAA BULAA DUBBII GAMNAA =====&&&======= 1, Barumsa barattee qoramta. jireenya immoo qoramtee baratta. ****** 2, Nama kabajuun mallattoo sodaa miti. Bilchinaa fi dandeettii f*geessanii yaaduti. ****** 3, Beeyladni akka namaattii yaadu jiraatuu baatus; namni akka beeyladatti yaadu hin dhabamu. ****** 4, Rakkina si mudate keessa teessee gadduu osoo hin taane; Akka rakkoo sana keessaa itti baatu yaaduu qabda. ****** 5, Osoo dhugaan bakkaa hin qabatin; dharti adunyaa naannoofti. ****** 6, Nama shakkitu hin mindeessin yoo mindeessite hin shakkin. ****** 7, Waggatti jiruu dabali malee jirutti waggaa hin dabalin. ****** 8, Barachuu jechuun barumsa qofa keessaa Darbuu osoo hin taane Barumsi nama keessa darbuu dha. ****** 9, Maal naan jedhan? Jettee otuu hin ta'in,Maalin jadheen? Jedhiitii dhiphadhu. ****** 10, Ilaalcha hiyyoomaa ba'attee Dureessa tahuun hin dandayamu. ****** 11, Gara Deemtu hin beeytu taanan karaan hunduu si geessa. ****** Ka Dubbifnerraa Kutaan 51 ffaan itti fufa. HORAA BULAA DUBBII GAMNAA =====****====== 1, Yeroo hunda Taphataa tahi malee taphachiisaa hin tahin.Sababni Taphataan injifannoof yoo fiigu,Taphachiisan garuu dogongora argachuuf fiiga. 2, Kan kuftu gaafa kanneen biroo kuffisuuf fiiydudha. 3, Dogoggora seenaa dabree teessee hin yaadin.Kan darbe irraa barattee jireenya fuula duraa sirreessuu malee Dogoggora darbe sirreessuun hin dandayamu. 4, Namni osoo du'uttiif jirtullee si ajjeesa. 5, Namni gaafa rakkate Mana, Uffataa fi Kalee isaa gurguruu dandaya.Garuu,gaafa sammuu isaa gurgure dhugummaan rakkate taha. 6, Namni daddeebisee dhiifama si gaafatu nama waa'ee keetiif dhiphatu ykn si dhabuu hin dandeenyedha. 7, Dorgomaa kee ofii kee fi kaleessa kee qofa godhadhu. 8, Yoo ati dubbbattes tahe cal'iftes namni siin jechuu hin dhiisu.Kanaaf ati callisii daandii kee itti fufi. 9, Yeroo hundumaa abdadhu malee gonkumaa hin tilmaamin. 10, Kan Jaallattu eegutti,Kan si jaalatu of bira hin dabarsin!!! 11, Yeroo hunda ana qofaatu sirriidha jattee yaadda taanan jireenya irraa homaa hin barattu. DUBBII GAMNAA ============ 1, Hin Hawwin. ~~~ A, Oduu oliif gadi oofuu!I B, Jattee jatteen maraachuu. C, Cubbuun duroomuu! D, Dubbii waliin sakaalu E, Faayidaa malee utaaluu! F, Araada badaan qabamuu! 2, Rabbiin Isin hin mudin. A, Bahanii karatti hafuu! B, Sobaan of afuufuu C, Argatanii dhabuu! D, Yakka malee hidhamuu! E, Jaalatanii dhabuu! F, Firaan dararamuu! G, Beekanii wallaaluu! 3, Waa sadi sitti hin fakkaatin. **** A, Dubbachuun beekumsa B, Obsuun wallaalummaa C, Nama kabajuun sodaa sitti hin fakkaatin. **** 4, Isin haa Lagu. A, kaayyoo malee jiraachuu! B, Eenyummaa ofii dagachuu! C, Ofirra nama biraa abdachuu! D, Daba namaratti hojjachuu!! ~~~~~~ 5, Waa sadi sitti hin fakkaatin. A, Nama beektu hunda fira kee B, kan siin lolu hunda diina kee C, Badiirraa kan si dhoorku hammeenya. 6, Hiriyyaan gantuun waa sadi A, Qoree bishaan keessati B, Bofa marga keessati C, Summii midhaan keessati. 7, Isinirraa haa qabu. A, Haqa namaa dabsuu! B, Hangafa ofii arrabsuu!! C, Ofiin of salphisuu D, Arrabaan dhadhaa baqsuu! ~~~~ 8, Nu haa Baraaru!!! A, Barataa barsiisaa arrabsuu B, Wallaalaa hayyuu gorsu! C, Buqqee dhagaa cabsu! D, Haadha ilmoo hamattu! E, Sobaan dhugaa awwaaluu!! 9, Waa sadi hin Hawwin. A, Bokokni quufaa miti B, Abaarsi eebbaa miti C, Summiin qorichaa miti hin hawwin. 10,Waan lubbuu qabaatu, Lubbuu dhaba:- A;. Seenaan lubbuu qabdi, yoo gowwatti himan lubbuu dhabdi. B; Gudeedni kormaa lubbuu qaba; masheenattiin gorraan lubbuu dhaba. C. Qabeenyi lubbuu qaba, Doynatti gorraan lubbuu dhaba. Kan Odeeffadherraa Kutaan 54 ffaan Itti fufa. WARRA BORUU NU HAA GODHU. DUBBII GAMNAA ========== 1, Gaafa nama gorsitu akka inni Doctora, Inginera, Profesara ta'u gorsuun dura akka inni nama ta'u gorsi.Erga nama ta'ee booda waan hunda ta'uun salphaadha. 2, Nama Ayyaanni ergare Ayyaantuutu ergata. 3, Cal'isni nama ati miitee yoo xiqqaate akka si adabaa jiru beeki. 4, Ati hin teenye. Sitti hin hafne, ana humaa natti hin baane jette sanyoon. 5, Ol'aantummaa keessa oftuulummaatu jira. Oftuulummaa keessa kufaatitu jira of eeggadhu. ****** 6, Yoo kufan waan caban nama seeti. 7, Yeroo hunda namaaf gaarii yaadi.Jallina keessaa bu'aa argattu hin qabdu. 8, Gaafa karaa tokko siif guutu karaa biraa akka sitti hir'atu beeki.Hir'uun namaa daangaa hin qabu waan ta'eef. ****** 9, Hanga nama jaallattu beekta malee hanga namni si jaallatu hin beektu.Kanaaf nama jaalladhu malee hin amanin. ****** 10, Bareedina gurraachaatiif dubbii gamnaa nama bira gaetu hubata. KUTAAN 56 ffaan itti fufa. FAYYAAN FAAYA. |
||
0
COMMENTS
18
VIEWS
0
FAVOURITES
|
ibsaayusuf's Blog